Biyyi Kiristiyaanoo Ronaaldoo kaardii diimaan dhabde Poorchugaal Armeeniya 9-1’n injifachuun Waancaa Addunyaaf dabarte.
Ronaaldoon tapha murteessaa kanarra dhabamuunsaa biyyattii muddama keessa galchee turus Waancaa Addunyaa Bara 2026 kanaaf darbuu mirkaneeffatteetti.
Buruunoo Fernaandeeziifi Neevees sadeessoo lakkoofsisuun goolii ja’a too oomishan Renaatoo Viigaa, Gonkaaloo Raamoosiifi Firaancheskoo Konsensaa’oon gooliiwwan hafan lakkoofsisaniiru.