AMN Plus – Onkoloolessa 08/2018
Pirezidaantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp gitasaanii Pirezidaantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutin waliin Hangaarii Budaapestitti Wal arguuf bilbilaan wal beellamaniiru.
Pirezidaantotni lamaan erga Alaaskatti Wal argan booda Marsaa lamaaffaaf Hangaar Budaapestitti Wal arguuf akka jiran ibsameera.
Pirezidaantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp marii bilbilaan Puutin waliin taasisan bu’aa qabeessa akka ta’e dubbataniiru.
Waraana baha jiddu galeessaa qabbaneessuuf tattaaffirra jiraachuu kan himan Tiraamp Raashiyaafi Yukireen gidduttis nagaa buusuuf araara eegaluu isaanii ibsaniiru.
Michummaa gaarii waliin qabaachuun kan beekaman Puutiniifi Tiraamp yeroo garaagaraatti marii bilbilaan taasisaa turanis waraana Raashiyaafi yukireen xumura itti gahuu hin dandeenye.
Pirezidaantiin Yukireen Volodmiir Zeleniskiin deeggarsa Meeshaalee Waraanaa Ameerikaarra barbaaduus, Donaald Tiraamp garuu, Kallattii Marii nagaa qofarratti xiyyeeffachuu akka barbaadan Sabaa-himaaleen Idil addunyaa Aljazerafi Reuters gabaasaniiru.
Namoomsaa Baalliitu qindeesse.