Qaammeen Tokko lammiileen Itoophiyaa tokkummaafi kutannoodhaan ol ka’iinsa Itoophiyaa mirkaneessuuf afuura cichoominaa isaanii kan itti haaressan akka tahe Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa Injinar Ayishaa Mahaammad ibsan.
Kabaja Qaammee 1 ilaalchisee ibsa kan kennan Ministirri RAayyaa Ittisa Biyyaa guyyichi; Ministeera Raayyaa Ittisaa, poolisii Federaalaa, Tajaajila Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa, Bulchiinsa Saaphana Odeeffannoofi Artifishaal Intalijansiidhaan sagantaawwan garaa garaan akka kabajamu ibsanii jiru.
Kanaa wajjin Wal qabatees dokumetariin “Maanguddoota Cichoominaa” jedhamuufi sagantaaleen cichoomina irratti fuuleffatan biroo akka dhiyaatan ibsameera.
Dhaabbilee nageenyaa ammayyeessuuf fageenya hangam akka deemameefi injifannoowwan ajaa’ibsisoo galmaa’an ibsama cichoominaa tahuun akka dhiyaatanis beekameera.
Qaammeen 1 bu’uura milkaa’inaa fi injifannoo kan uummatni Itoophiyaa kan itti galateeffamu, milkaa’ina argameef kan beekamtiin itti kennamu tahuu himuun bor ganama sa’aatii 5:30tti namni hunduu bakkuma jiru dhaabbatee faaruu Biyyaalessaa Itoophiyaa akka faarfatu Injinar Ayishaan ibsaniiru.
Sabaa himaaleen Itoophiyaa garaa garaas yeroo kanatti faaruu biyyaalessaa akka farfaachiisan himaniiru.
Qaammeen 1, “Guyyaa Cichoominaa” jedhamee kan moggaafame yoo tahu, “Bu’uura Cimaa, BiyyaJabaaf” ergaa jedhuun kabajama.
Malkaamuu Abbabaatiin