Qondaaltonni Israa’el Duraanii dhibbaan lakkaa’aman Tiraamp waraana Gaazaa akka dhaabsisan gaafatan.

You are currently viewing Qondaaltonni Israa’el Duraanii dhibbaan lakkaa’aman Tiraamp waraana Gaazaa akka dhaabsisan gaafatan.

‎AMN PLUS- Adoolessa 29/2017

‎Qondaaltonni Israa’el duraanii dhibbaan lakkaa’aman Tiraamp waraana Gaazaa akka dhaabsisan waamicha dhiyeesaaniiru.

‎Hoggantoota dhaabbilee nageenyaa Israa’el duraanii dabalatee gareen qondaaltota nageenyaa soorama bahan 600 ta’an, Pirezidaantii Ameerikaa Doonaald Tiraampiif xalayaa barreessaniin, Israa’el waraana Gaazaa keessatti adeemsisamaa jiru hatattamaan akka dhaabdu dhiibbaa akka godhan gaafataniiru.

‎Qondaaltonni duraanii kunneen xalayaa isaanii keessatti Hamaas kana booda Israa’eliif yaaddoo tarsiimoo hin ta’u jechuu isaanii BBCn gabaaseera.

‎Dabalataanis, Lammiileen Israa’el harki caalaan akka Tiraampiin amanan, kunis Ministira Muummee Beeniyaamin Netaaniyaahuu fi mootummaa isaanii kallattii sirrii ta’etti qajeelchuuf gahumsa qaban akka dabalu eeruun, waraanichi haa dhaabbatu, namootni booji’aman haa deebisamani, gidiraan haa dhaabbatu jechuun xalayaa kana keessatti barreessaniiru.

‎Qondaaltotni duraanii kunneen waamicha kana kan dhiyeessan wayita Netaaniyaahuun, marii dhukaasa dhaabuu al-kallattiin Hamaas waliin taasisaa turan addaan cituun, waraanicha Gaazaa keessatti babal’isuuf duula taasisaa jiranitti jedhame.

‎Warqinaa Abbiyyootiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply