‎Qonnaan bulaa, Finfinnee waliin guddataa jiran- Obbo Sisaay Mangistuu‎‎

You are currently viewing ‎Qonnaan bulaa, Finfinnee waliin guddataa jiran- Obbo Sisaay Mangistuu‎‎

AMN PLUS- Hagayya 07/2017‎‎

Obbo Siisaay Mangistuu qonnaan bulaa Magaalaa Finfinnee kutaa Magaalaa Boolee Aanaa 12 keessa jiraatanidha.‎Jijjiiramaan asitti carraa qonnaan bulaa magaalaaf uumameen‎ qe’ee akaakileefi abaabileerra dhaalanirratti hojii qonnaa garaa garaa hojjataa jiru.

Kabaja namummaa isaanii eeggatanii cimanii hojjechuun isaanii ammoo ofirra darbanii namoota biroollee akka gargaaran isaan dandeessiseera.

‎Jjjiiramaan  duraa lafni isaanii irraa fudhatamuuf shallagamee akka ture yaadatu Obbo Siisaay.

‎Haata’u malee, barri jijjiiramaa kun isaan dhaqqabee, lafa dhaalaan maatii isaanii irraa argatan isaaniif akka oolche AMN Digital’f himan.

‎Maarree obbo Sisaay lafa isaanii agabuu hin oolchine, hin bulchine. Cimanii irratti hojjatan malee.

‎Kunoo amma hojii qonna magaalaan jireenya badhaadhe jiraachaa jirra jedhu.

‎Deeggarsa mootummaarraa argataniinis qonna magaalaan horii furdisuu, horii aannanii fi lukkuu horsiisuu, kuduraafi muduraa adda addaa irratti hirmaachaa akka jiran dubbatan.

‎Dabataanis, midhaan garaa garaa  oomishuun gabaa Finfinnee dhiyeessaa akka jiran dubbatan.
‎Haftee midhaanii sirnaan kuusuun nyaata looniif fayyadamuun baasii nyaata looniif baasan akka qusachuu danda’an ibsaniiru.

‎Dikee looniis akka xaa’oo uumamaatti gargaaramaa akka jiran obbo Siisaay AMN Digital’f eeraniiru.

‎Walitti hidhamiinsi gabaas gaarii waan ta’eef bu’aa looniifi midhaaniirraa galii guddaa argataa jiraachuus himu.

‎Bu’aa kanaanis mana daldalaa bitanii hojii daldalaa irratti hirmaachuun galii dabalataa argachaa jiru.
‎Obbo Siisaay, haala guddina magaalaa waliin jiruufi jireenya isaanii ammayyeessaa akka jiran itti dabaluun himaniiru.

‎Milkaa’ina hojii isaanii kana akka dinqisiifatan kan dubbatan ammoo ollaa qonnaan bulaa kanaa kan tahan Obbo Bayyanaa Nagaashidha.

‎Qonnaan bultoota akkasumas namoota Magaalaafi naannawaa magaalaa jiraataniif qonnaan bulaa fakkeenya ta’anidha jechuun AMN Digital’f himaniiru.

‎Shuumii Badhaasootiin qophaa’e

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply