Qorattoonni cabiinsi lafee ciree turanii nyaachuun kan wal-qabatu ta’uu beeksisan

You are currently viewing Qorattoonni cabiinsi lafee ciree turanii nyaachuun kan wal-qabatu ta’uu beeksisan

‎AMN PLUS – Hagayya 26/2017

‎Nyaati ciree ganamaa fayyummaa lafeetiif murteessaa ta’uu qorattoonni beeksisuun gabaafame.

‎Namni caba lafeen miidhamee ture Folkis jedhamu dhimma kana irratti kibxata darbe qorattootaaf yaada kenneen bu’aan qorannoo kun akka sirrii ta’e mirkaneesseera.

‎Doktar Hirookii Naakaajimaa dhimma kana irratti qorannoo gaggeessaniin yaroo irra dabarsanii nyaachuun caba lafeef akka nama saaxilu qorannoo yeroo dheeraaf gaggeessaniin bira ga’uu isaanii mirkaneessaniiru.

‎Dabalataanis, nyaata fayyaaleessummaa hinqabne soorachuun, nyaata gahaa nyaachuu dhabuu fi nyaata yeroo irra dabarsanii nyaachuun fayyaa namaa akka hubu ibsanii jiru.

‎Dr Naakaajimaan Yunivarsiitii Meedikaalaa Jaappaanitti qorannoo kana yaroo gaggeessan, hedduu isaa seen-duubee namoota caba lafeen miidhamanii jiranii yeroo dheeraa fudhatanii erga dhugoomsanii ta’uu ibsameera.

‎Ogeessi kun seen-duubee namoota ulaagaa sirna nyaataa eeganii sooratanii irraa qorannoo gaggeessaniin ciree turanii nyaachuu fi nyaata gahaa nyaachuu dhabuun caba lafeef akka nama saaxilu mirkaneessuu isaanii “Health News” gabaaseera.

‎Daraartuu Tarreessaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply