AMN PLUS-Sadaasa 11/2018
Qusannoofi liqiin bu’uura guddina diinagdeefi hawaasummaa akka ta’e Komiishinarri Komiishinii Hojii Gamtaa Federaalaa Geetinnat Taaddasaa ibsan.
Baadiyyaa ceesisuufi ce’umsa qonnaa mirkaneessuun guddina diinagdee biyyaa utubuu keessatti ga’ee olaanaa akka qabus ibsameera.
Guyyaan qusannoofi liqii hojii gamtaa akka addunyaatti yeroo 77ffaaf akka Magaalaa Finfinneetti yeroo 34ffaaf kabajameera.

Baranas dhaadannoo “Qusannoofi Liqiin Hojii Gamtaa Hawaasa Badhaadhummaatti Ceesisuuf” jedhuun kabajameera.
Qusannoofi liqiin hojii gamtaa rakkoo diinagdeefi hawaasummaa qofaan furachuu hin dandeenye gamtaan furachuu kaayyeffatee hojjetaa akka jiru ibsameera.
Miseensonni beekumsa qabeenyaafi humna qaban walitti fiduun bu’aa caalu galmeessuuf kan hojjetan ta’uus ibsameera.
Dabalataanis, Hojiin Gamtaa misoomaafi eegumsa naannoo akkasumas jijjiirama qilleensaa to’achuu keessatti hirmaachuun Guddina biyyaaf bu’uura ta’uus himameera.
Abdiisaa Fufaatu gabaase