Raashiyaan damee Ittisaafi Anniisaatiin galma Itoophiyaan qabatte ni deeggarti- Sergee Laavroov

You are currently viewing Raashiyaan damee Ittisaafi Anniisaatiin galma Itoophiyaan qabatte ni deeggarti- Sergee Laavroov

AMN PLUS- Onkoloolessa 11/2018

Ministirri Dhimma Alaa FDRI Geediyoon Ximootiwoos (Dr) gita isaanii Raashiyaa Sergee Laavroov waliin mari’atan.

Waqtii marii kanattis Ministirri Dhimma Alaa Raashiyaa Sergee Laavroov, biyyi isaanii fedhii Itoophiyaan hariiroo gama teekiniika waraanaan qabatte akka kabajdu himan.

Hariiroo gama ittisaan jiruun dabalata akkaataa waliigaltee tibba daawwannaa MM Abiyyi Ahimad (PhD) mallattaa’een, damee anniisaa Niwukilaraa, daldalaafi barnootaan jiru cimsuuf akka hojjetan eeran.

Dooktar Geediyoon Ximootiwoos gama isaaniin, waliigalteen hojii anniisaa Niwukilaraa hariiroo Raashiyaafi Itoophiyaa keessatti taatee seena qabeessa jechuu isaanii POA gabaaseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply