Raashiyaan torban kana keessa haleellaa hedduu Yuukireen irratti raawwachuu ishee anga’oonni Yuukireen beeksisan.
Akka gabaasa BBC’tti Raashiyaan diroonota 574 fi misaa’eloota 40 ta’an Yuukireen irratti furguggifte.
Haleellaa gaggeeffame kanaanis miidhaa qaqqabeen lubbuun nama tokkoo yeroo darbu namoonni 15 ta’an madaa’uun beekameera.
Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp biyyoota lamaan gidduutti fala dippiloomaasii yeroo barbaadaa jiranitti
haleellaan hangas baay’atu kun kan raawwatame.
Pireezidaantiin Yuukireen Volidmiir Zeleniskiin gita isaanii Raashiyaa Puutin waliin marii taasisuuf yeroo fedha agarsiisanitti kan raawwatame ta’uun immoo dhimmichi salphaatti akka hin furamne danqaa akka uumu xiinxalameera.