AMN PLUS- Guraandhala 01/2017
Darbii Maadiriidiin galgala geggeeffameen Riyaal Maadirid Beernaaboo irratti Atilileetikoo Maadiriid keessummeessuun 1-1 qixa bahe.
Daqiiqaa 35ffaa irratti peenaaliitii Atileetikoof kenname Alvaareez gara gooliitti jijjiiruun boqonnaaf bahan.
Kaarloo Anchelootiifi taphattootni Maadriid hedduun peenaalitiin kenname sirrii miti jechuun mufiisaanii mul’isaa turan.
Boqonnaarra yeroo deebi’an Kiiliyaan Mibaappeen daqiiqaa 50ffaa irratti walqixxeesse.
Kilaboota lamaan gidduu garaagarummaa qabxii tokkoo ture akkasumaan itti fufeera.
Laaligaa Ispeen torbanoota 23 lakkoofsiseen Maadiriid qabxii 50’n 1ffaa irra yoo taa’u, Atileetikoo Maadiriidis qabxii 49’n itti aana. Baarseloonaan qabxii 45’n 3ffaa dha.