AMN Plus- Onkoloolessa 13/2108
Rakkoon hiyyummaa Itoophiyaa Laga Abbayyaafi Galaana Diimaan walitti araarsuun waarawaan hiikkatee badhaadhinaan bakka bu’a jedhan Pirezidaantii Itti aanaan Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii.
Mariin Gumii Balal 46ffaan Dhimma Hidha Haaroomsaarratti xiyyeeffate mata duree “Injifannoon Hidha Haaromsaa Abdiirraa gara ifa qabatamaatti” jedhuun taa’amaa jira.
Sirna jalqabbii marii kanaarratti ergaa kan dabarsan Hogganaan Biiroo Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaa, Ijaarsa Hidha Haaroomsaa Xumuruufi faayidaa biyyaa kabachiisuu keessatti Ummanni Oromoo, Ummattoota Obbolaa Itoophiyaa biroo waliin tahuun gahee guddaa gumaachuu ibsaniiru.
Biyyi keenya Itoophiyaan jijjiirama arifataafi gara Ol Ka’iinsaatti tarkaanfachaa jiraachuu ibsaniiru.

Waltajjii kana haasawaan kan saaqan Pirezidaantii Itti Aanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii Hidhi Guddicha Haaroomsa Itoophiyaa Copha Dhiigaa, Dafqaafi Imimmaaniin kan dhugoome ta’uu dubbataniiru.
Hidhichi Mallattoo tokkummaafi Danda’uu Itoophiyaa fi lammiileeshee addunyaatti qabatamaan kan agarsiise tahuu dubbataniiru.
Hidhichi Siyaas-Diinagdeefi Dippiloomaasii Afrikaa bahaafi Naannawichaa kan jijjiireedhaas jedhaniiru.
Ergamni Dhaloota har’aa Idaa dhaloota darberraw kuufamaa as gahe, biyyattiirraa harcaasuun, biyya misoomteefi badhaate dhaloota dhufu dhaalchisuun dirqama tahuu hubachiisaniiru.

Bara 2018 bara ol ka’insi Itoophiyaa itti bu’ura qabatu tahuu kan kaasan Obbo Awwaluun, Piroojaktoonni gurguddoon barana Muummee Ministeeraa Abiyyi Ahimad (PhD) eegalame Itoophiyaan gara warraaqsa Industiriitti akka ceetu kan taasisu ta’uu himaniiru.
Sochiin Itoophiyaan amma keessatti argamtu Ardiin Afrikaa hirkattummaa warra alaatiin malee badhaadhuu akka dandeessu qabatamaan mullisaa jiraachuu ibsanii, kunimmoo Mallattoo Paan – Afrikaanizimii dhugaa tahuu ibsaniiru.
Hidhi Haaroomsaafi Dhimmi Galaana Diimaa Goonkumaa addaan bahanii kan hin ilaalamne tahuu kan ibsan Pirezidaantii Itti Aanaan Naannichaa Obbo Awwaluun rakkoon Itoophiyaa Laga Abbayyaafi Galaana Diimaan walitti araarsuun waarawaan kan hiikkatu tahuu dubbataniiru.
Dhimmi Galaana Diimaa shakkii tokko malee kan milkaa’u tahuu mirkaneessuun barbaadaas jedhaniiru.
Mahaammad Toofiqitu gabaase.