Bifa addaan geggeeffamuu erga jalqabee waggaa 2ffaa kan qabate Shaampiyoons liigiin Awurooppaa guyyaa boru ramaddiin bara kana kan ifoomu ta’a.
Bara kana kilaboota 36 kan hirmaachisu yoo ta’u, Ingilaand irraa kilaboonni 6 ni hirmaatu.
Dorgommii guddaan Awurooppaa kun bara kana yeroo 71ffaaf kan dorgomamu yoo ta’u, Ispeen, Itaalii fi Jarman kilaboota afur afur ni hirmaachisu. Firaans gama isheetiin kilaboota 3 ni hirmaachisti.
Dorgommii kilaboonni 36 irratti hirmaatan kanaan kilaboonni 1 hanga 8tti bahan kallattiin gara marsaa itti aanuu darbuu isaanii ni mirkaneeffatu.
Kilaboonni 9 hanga 24 bahan ammoo tapha mo’atanii darbuun kan wal morkatan ta’a.
Darajjee Addunyaatiin