Yeroo seena qabeessaa Imala keenya jijjiiramaa milkaa’aa waggaa torbaffaa kabajaa jirrutti mata duree “Ga’oomni tajaajila namarratti xiyyeeffate” jedhuun leenjiin hooggantoota mootummaa federaalaa olaanoo muuxannoorratti xiyyeeffate har’a jalqabsiifneerra.
Sirna tajaajilaa fi bulchiinsa mootummaa mijataa Itiyoophiyaanonni barootaaf hawwan ijaaruu fi bu’ura cimaarra dhaabuuf riifoormii taasisaa jirra.
Riifoormichi biyya Afriikaaf fakkeenya taatu, badhaatuu fi cimtuu ijaaruuf akkasumas fedhii tajaajilaa uummanni keenya barbaadu guutuuf shoora murteessaa qaba.
Boqonnaa seena qabeessa kana milkeesuun sirna tajaajila mootummaa baratti cehuu fi cimaa diriirsuuf hooggansii fi hojjetaan mootummaa amma irraa barbaadamu carraaquu qaba.
Leenjii muuxannoorratti xiyyeeffate kun kan kennamu sirna tajaajilaa fi bulchiinsa mootummaa ijaaruuf dandeessisan sanadoota raggaafamanii fi sadarkaa wixineerra jiran irrattidha. Adeemsa Kanaan raawwiin riifoormii amma ammaa, rakkoolee mudatanii fi kallattiiwwan furmaataarratti mariin nitaasifama. – Ministira Muummee Itti aanaa Tamasgeen Xurunee