Sababa lolaa laga Awaashiin lammiilee buqqa’aniifi miidhaman gargaarsaa fi deeggarsa taasisuuf qindoominaan hojjetamaa jira

You are currently viewing Sababa lolaa laga Awaashiin lammiilee buqqa’aniifi miidhaman gargaarsaa fi deeggarsa taasisuuf qindoominaan hojjetamaa jira

‎AMN PLUS-Hagayya 1/2017

Buusaa Gonofaan Oromiyaa Godina Shawa Lixaa fi Shawa Kibba Lixaatti lolaa laga Awaashirraa mudateen lammiilee qe’ee isaanii irraa buqqa’anii fi miidhaman gargaarsaa fi deeggarsa taasisuuf qindoominaan hojjetamaa jiraachuu beeksise.

‎Itti aanaan itti gaafatamaa Buusaa Gonofaa Oromiyaa Obbo Tasfaayee Hayiluu akka himanitti, roobni cimaan tibbana roobeen Lagni Awaash lola’ee manneeni fi lafa qonnaa Godina Shawaa Kibba Lixaa fi Shawaa Lixaa keessa lola’ee miidhaa qaqqabsiiseera.

‎Buqqaatotaaf deeggarsi taasifamaa akka jiru, Buusaa Gonofaan Naannoo Oromiyaa lubbuu baraaruu fi buqqaatota deebisanii qubsiisuuf bakka sanatti argama jedhan.

‎Buusaa Gonofaa Oromiyaa naannolee balaadhaaf saaxilaman adda baasuuf qorannoo gaggeessuun tarkaanfiiwwan of eeggannoof yaada kennaa akka jirus Tajaajila Oduu Itoophiyaatu gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply