Jilli Obbo Solomoon Sokkaatiin durfamu hojiiwwan carraa hojii uumuu magaalaa Aggaaroo daawwate

AMN – Sadaasa 19/ 2017

Jilli Deetaa Ministeera Carraa Hojii Uumuu Federaalaa Obbo Solomoon Sokkaatiin durfamu hojiiwwan Waajjira Carraa Hojiifi Ogummaa magaalaa Aggaaroon hojjataman daawate.

Magaalaa Aggaarootti imaammatni fayyadamummaa dargaggootaa mirkaneessuuf mootummaan baase sirriitti hojiirra oolaa akka jiru Obbo Solomoon Sookaan himaniiru.

Hogganaa itti aanaan Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa obbo Nasraddin Qaadiin wiirtuwwan dinagdee gola xixiqqoo tarsiima’aa sochii hawaas-dinagdee deggaran babal’isuun murteessaa akka ta’e ibsaniiru.

Ittigaafatamaan Siyaasaa Paartii Badhaadhinaa Magaalaa Aggaaroo Obbo Yirgaa Abbooyyee Bulchiinsi magaalichaa hojii dhabeeyyii hojiitti galchuufi inisheetivii mootummaan baase milkeessuuf xiyyeeffannaan hojjachaa jiraachuu ibsaniiru.

Kominikeeshinii Magaalaa Aggaarootiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply