“Sababaa Fiilmii kanaa natti dhukaafamee irraa ooleera” Daayirektara Fiilmii Teediroos Tashooma

You are currently viewing “Sababaa Fiilmii kanaa natti dhukaafamee irraa ooleera” Daayirektara Fiilmii Teediroos Tashooma

AMN PLUS- Sadaasa 5/2018

Raayyaa Ittisa Biyyaatiin fiilmiin seena-qabeessi hojjachiifame “Silannaat Midir” Damee “Visual Effect” filatamaa jedhuun sadarka Afriikaatti badhaafamaa ta’eera.

Fiilmiin kun Badhaasa Fiilmii Afriikaa “Oskaarii Afriikaa” jedhamuun waltajjii beekamaa irratti fiilmota 500 keessaa dameewwan 8’tiin kaadhimamee ture.

Damee tokkoon badhaasa argachuu isaan gammachuufi kabajni guddaa itti dhagahamuu Barreessaafi Daayirektarri “Silannaat Midir” Teediroos Tashoomaan AMN Dijitaal’itti himeera.

Sirna Badhaasaa Naayijeeriyaa magaalaa Leegoositti taatota duree wajjin argamuun badhaasicha kan fudhate Teediroos Tashoomaa, “Silannaat Midir”, hojiilee isaa duraanii kanneen akka “Qazqaazzaa Walaafan”, “Fiqir Siifard”,”Abbaay Wayis Veegaas” fi biroo irra akka caalu ibseera.

“Silannaat Midir” Badhaasa Afriikaa AMAA irratti dameewwan akka barreeffama do’ii filatamaa, gulaallii filatamaa, daayirektara filatamaa, taatota duree dhiiraafi dubartii, “Visual Effect” filatamaafi Siinimaatogiraafiidhaan kaadhimamee ture.

Fiilmiin kun sa’aatii 3 kan dheeratu yoo ta’u, taatota Kuma 30 ol hirmaachisuun isaa ibsameera.

“Silannaat Midir” Bitootessa 14 bara 2016 biyya keessatti bifa eebbaaf maluun kan daawwatame yoo ta’u, uummataaf banaa hin taane.

Ameerikaa Loos Anjalisitti Feestivaala adeemsifameen Fiilmiiwwan 200 keessaa filatamuun daawwatamuun badhaasota hedduu argachuu danda’ee ture.

Sababaa fiilmii kanaatiin jireenya isaa keessatti qormaanni mudachuu kan himu daayirekterichi, baajata % 20 kan fudhate damee sadarkaa qulqullina viidiyootiin badhaafamuun maqaa Itoophiyaa waltajjiirratti waamsisu danda’era.

‎Lola Kaaba Itoophiyaatti adeemsafame irratti fiilmii kana hojjechuun jirreenya dhuunfaa isaarratti arrabsoo olaanaa, jeequmsa, sodaachisaafi doorsisni irra gahaa akka tures turtii AMN Digital waliin taasiseen ibseera.

‎Sababa kanarraa kan ka’e ijoollee isaallee biyyaa baasuu kan himu Teediroos, gaaf tokko itti dhukaafamee hamma xiqqoof rasaasa jalaa bahuun du’a irraa akka ooles dubbateera.

‎”Lola kanaan kan injifates kan injifatames Itoophiyaanota” yaad-rimee jedhuun fiilmiin kun badhaasa argachuu kan ibsu Teediroos Tashoomaa milkaa’ina Itoophiyaa yeroo dhiyoo guutummaatti agarsiisuun kabajni guddaan akka itti dhagahamu taasisuu isaa ibseera.

Shuumii Badhaasootu qindeesse

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply