Xumuramuun Ijaarsa Hidha Haaromsaa ummata Affaariif qabeenyaafi humna dabalataa akka ta’e Ministirri Muummee Itti Aanaan Obbo Tamasgeen Xurunaa ibsan.
Ministirri Muummee Itti aanaan Obbo Tamasgeen Xurunaa dachee argama hambaa dhala namaa kan taate Affaar har’as alaabaa Itoophiyaa ol-qabuun injifannoo agarsiisaa akka jirtu ibsan.

”Naannoon Affaar ummata birmadummaa biyyaaf gootummaa kaffalan qofa osoo hin taane dachee sabboontoota misoomaa biqilcheedhas” jedhaniiru.
Dhaadannoon ummata Affaar, hiriira kanarratti dhageessifame, misoomaa fi nagaa, egeree ifaa Itoophiyaa dhugoomsuuf kan akeeke akka ta’es Obbo Tamasgeen Xurunaa ibsaniiru.