Sagantaan Televizhinii ‘ Addis Mi’iraaf’ akkaataa labsii dhaabbilee miidiyaan tamsaasarraa daangeffamee akka turu murtaa’e

You are currently viewing Sagantaan Televizhinii ‘ Addis Mi’iraaf’ akkaataa labsii dhaabbilee miidiyaan tamsaasarraa daangeffamee akka turu murtaa’e

AMN – Bitootessa 23/2017

Sagantaan Televizhinii ‘ Addis Mi’iraaf’ akkaataa labsii dhaabbilee miidiyaan tamsaasarraa daangeffamee akka turu murtaa’uusaa Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Itoophiyaa beeksise.

Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Itoophiyaa murtoo bulchiinsaa fudhatame ilaalchisuun ibsa baaseera.

Sagantaan‘ Addis Mi’iraaf’ televizhinii ‘EBS’n Bitootessa 14/2017 tamsa’e odeeffannoo sobaarratti kan hundaa’e, uummata kan burjaajessuufi shakkii kan uumu, labsii dhaabbilee miidiyaa 1238/2013 fi labsii 1185/2012 tamsaasa haasawaa jibbiinsaafi odeeffannoo sobaa ittisuufi to’achuuf bahe akkasumas naamuusa oogummaa gaazexessummaa hojimaata idilee gaazexessummaa kan cabse hojimaata Parajornaalizimii kan hordofe ta’ee argamuu ibseera.

Dhaabbanni ‘EBS’ waa’ee sagantichaa gaafatamee deebii kenneen sagantaan tamsa’e soba ta’uufi dogongora raawwachuu ibseera.

Abbaan Taayitichaa dhimmicha qorachuun sagantaan buufata televizhinii kanaan tamsa’u sagantaan ‘ Addis Mi’iraaf’ jedhamu akkaataa hojimaata Editoriyaalaan sirreeffama barbaachisaa ta’e fudhatee abbaa taayitichaa hanga beeksisuufi murtoo hanga argatutti sagantaan Televizhinii ‘ Addis Mi’iraaf’ akkaataa labsii dhaabbilee miidiyaan tamsaasarraa daangeffamee akka turu murtaa’uu ibsuusaa abbaa taayitichaarraa odeeffanne.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply