Seenaa Kubbaa Miilaan Taphataa Yeroo Jalqabaaf Biiliyeenara Ta’e

You are currently viewing Seenaa Kubbaa Miilaan Taphataa Yeroo Jalqabaaf Biiliyeenara Ta’e

AMN Plus Fulbaana 28/2018

Taphataan Lammii Poorchugaal Kiristiyaanoo Roonaaldoo Doosaantoos Aviyeeroon Taphataa Kubbaa Miilaa Jalqabaa Maallaqa Biiliiyeena Horate Ta’uun Gabaafame.

Kilaba Liigii Saawudii Arabiyaa Al Naasiriif Taphachaa Kan Jiru Injifataan Badhaasa Baalondoorii Yeroo 5 Roonaldoon Qabeenya Waliigalaa Doolaara Biiliyoona 1.4 Horachuun Ibsameera.

Kaffaltii Miindaa Gibira Irraa Bilisa Ta’e Paawundii Miiliyoona 300 Al Naasir Keessatti Argatuun Dabalata,Dhaabbata Naaayikiifi Ispoonsaroota Garaagaraa Irraa Argatu Qabeenya Isaa Akka Ol Kaaseefis Himameera.

Kiristiyaanoo Roonaaaldoon Biiliyeenaroota Biluunbargi Keessatti Dabalamuu Kan Danda’e Taphataa Kubbaa Miilaa Jalqabaa Ta’uunis Riikardii Haaraa Galmeesseera.

Dabalataanis Federeeshinii Kubbaa Miilaa Poorchugaalirraa Badhaasni Addaa Kennameefiira.

Federeeshinichi Badhaasa Tapahataa Cimaa Yeroo Maraa Jedhu Gumaacheefiira.Badhaasota Hedduu Argadheera Inni Kun Garuu Miira Addaa Na Keessatti Uumeera Kan Jedhe Roonaaaldoon, Seenaa Kubbaa Miilaa Koo Keessatti Badhaasa Isa Dhumaa Ta’uu Danda’a Jechuun Yaada Badhaaasa Booda Kenneen Ibseera.

Dachaasaa Dhaabiitu Gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply