Seenaa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaan Goolii hedduu Laakkoofsiisuun eenyutu dursa?

You are currently viewing Seenaa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaan Goolii hedduu Laakkoofsiisuun eenyutu dursa?

AMN PLUS- Fulbaana 06/2018

Dorgommiin Shaampiyoonsi liigii Awurooppaa Waancaa Addunyatti aansun jaallattoota kubbaa miilaa biratti morkii hawwiin eegamuudha.

Morkii waggoota heddu lakkoofsiiseen, Mr. “Champions League” jedhamuun kan waamamu Kiristiyaanoo Roonaldoon gooliiwwan 140 lakkoofsiisuun, kubbaawwan gooliif ta’u 42 mijeessee kennuun dursa.

Liyoonel Meesiin gooliiwwan 129, Rooberti Lewaandoowiskiin gooliiwwan 105 fi Kaarim Beenzeemaan ammoo gooliwwan 90 lakkofsiisuun taphattoota wal duraa duubaan waltajjichaan gooliiwwan hedduu lakkoofsisuun seenaa isaani warqeen barreessaniiru.

Shaampiyoonsi liigiin Awurooppaa foormaatii haaraan bara dorgommii 2024/25 irraa jalqabee kilaboota 32 hirmaachisu eegaleen, kan bara kanaas har’a taphoota jaha keessummeessuun jalqaba argata.

Bara darbe PSGtiin injifatamee xumura shaampiyoonsi liigii gahu kan hanqate Arsenaal dirreen ala imalee sa’aatii 1:45tti Atileetik Bilbaawoo waliin morkiin taasisu hawwiin eegama.

Waggoota 10 n booda yeroo jalqabaaf shaampiyoonsi liigii Awurooppaaf kan darbe kilabni Laaligaa Ispeen Atileetik Bilbaawoon qabxii sadi argachuuf Arsenaal waliin morkata.

Gama Arsenaalin Maartiin Odigaardi, Been Waayit, Gaabri’eel Jeesusii fi Bukaayoo Saakaan sababa miidhamaan tapha kanaan ala ta’uu leenjisaan kilabicha ibsaniiru.

Bara darbe Ispoortiingi Liizbaniif taphoota 6 irratti goolii 7 kan lakkoofsiise Viktor Yookereesh sarara Fuldura Arsenaal ni dursa.

Taphoota biroon, Juuventus Borushiyaa Doortimundi, Riyaal Maadriidi Maarseefi Totanahaam Viyaariyaal waliin galgala sa’aatii walfakkataa 4:00 irraa eegaluun morkii cimaa taasiisuun eegama.

Kadijaa Ifaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply