Shaampiyoonaa Atileetiksii guddattootaa umurii 20 gadii Dirree Dhawaatti adeemsifamuuf qophii taasisaa jiraachuu atileetonni himan

You are currently viewing Shaampiyoonaa Atileetiksii guddattootaa umurii 20 gadii Dirree Dhawaatti adeemsifamuuf qophii taasisaa jiraachuu atileetonni himan

AMN PLUS-Caamsaa 11/ 2017

Shaampiyoonaa Atileetiksii Itoophiyaa Caamsaa 18 bara 2017 irraa eegalee dorgomamuuf qophii taasisaa jiraachuu atileetonni dorgommicha irratti hirmaatan himan.

Atileetonni fageenya gabaabaa Akkaadaamii Ispoortii Itoophiyaatti leenji’aa jiran qophii dorgommichaaf taasisaa jiran ilaalchisuun turtii AMN PLUS waliin taasisaniin dorgommichi carraa amma dura hin argatin akka isaaniif fidee dhufe himan.

Akkaadaamichatti Leenjisaa fageenya gabaabaa kan ta’an Leenjisaa Fiqaaduu Mitikkuu gama isaanin Shaampiyoonaa guddattoota umurii 18 gadii fi 20 gadii Magaalaa Dirree Dhawaatti dorgomamu irratti gita lamaaninuu atileetota isaanii akka hirmaachisan eeranii atileetota dorgommichaan qabxii gaarii fidan ammoo Shaampiyoonaa guddattota umurii 20 Afrikaa itti aanee Aljeeriyaatti adeemsifamuuf akka filamanis kaasan.

Shaampiyoonaan guddattootaa umurii 20 gadii Caamsaa 18 bara 2017 irraa eegalee qopheessummaa Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaan Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dhawaatti adeemsifama.

Misikkir Alamaayyootu gabaase

All reactions:

92You and 91 others

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply