Shaampiyoonaa Kilaboota Joorkaa Magaalaa Finfinnee marsaa 2ffaan gaggeeffamuufi.

You are currently viewing Shaampiyoonaa Kilaboota Joorkaa Magaalaa Finfinnee marsaa 2ffaan gaggeeffamuufi.

AMNP LUS – Guraandhala 30/ 2017

Shaampiyoonaa kilaboota Joorkaa magaalaa Finfinnee marsaa 2ffaan Bitootessa 2/2017 hanga Bitootessa 6/2017 kan gaggeeffamu ta’a.

Pirezidaantin Federeeshinii Atileetiksii magalaa Finfinnee Atileet Malkamuu Taganyi akka jedhanitti, , dorgommii kilaboonni itti of madaalan tauu himan.

Dorgommii kana irratti atileetonni jajjaboon kan irratti irratti hirmaatan ta’uu kan himan ammoo bakka bu’aa dhaabbata Joorgaa Event obbo Tashoomaa Baqqalaa himaniiru.

Dorgommii kanaan fiigicha meetira 100 hanga 10,000 tti atileetonni 829 ol kan hirmaatan yoo ta’u, kilabonni Omeedlaa fi Poolisii Magaalaa Finfinnee dorgommii kana keessatti warreen hirmaataniidha.

Rabbirraa Hirphaan

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply