Kaleessa galgala olaantummaa taphaa waliin Intar Miilaaniin galchii 5 fi 0’n injifachuun waancaa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa bara 2025 kan kaase PSG’n Paariis galuun deeggartootasaa waliin injifannoosaa dhandhamataa jira.
Seenaasaa keessatti yeroo jalqabaaf waancaa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa kan injifate PSG’n Paaris yoo gahu deeggartoonnisaa simannaa addaa taasisaniiruuf.
Injifannoo PSG hordofuun jeequmsa eda galgala mudateen lubbuun dargaggoota lamaa darbeera, kanarraa ka’uunis Poolisiin Paaris simannaafi gammachuu deeggartootaa eeggannoo cimaan hordofaa jiraachuun himameera.
Wandimmaagany Asaffaan