Shakkamtoonni hojii sharafa seeraan alaa irratti bobba’an 112 to’annoo jala oolfaman

You are currently viewing Shakkamtoonni hojii sharafa seeraan alaa irratti bobba’an 112 to’annoo jala oolfaman

AMN PLUS- Sadaasa 1/2018

Shamtoonni lammiilee biyya keessaafi alaa, karaa seeraan alaan qindaa’aanii hojiilee sharafa maallaqa alaa irratti bobba’an 112 to’annoo jala oolfaman.

Tajaajilli Odeeffannoofi Tikaa Biyyaalessaa AMN Dijitaaliif ibsa ergeen fooyya’iinsa diinagdee gooroo mootummaan hojiirra oolcheen faallaa qaamolee socho’an irratti hordoffiin iccitii gaggeeffamaa tureera.

Tajaajilli Odeeffannoofi Tikaa Biyyaalessaa, Tajaajila Nageenya Faayinaansii, Poolisii Federaalaa, Qaamolee Nageenyaa Naannoleefi eeruu hawaasaan deeggaramee shakkamtoota 112 to’annoo jala oolchuu beeksiseera.

Dabtara baankii shakkamtoota kanneen waliin hidhata qaban 519 dhorkaa irratti baasuun meeshaaleen garagaraa ragaa ta’an egzibiitiin qabamuu ibse.

Daddabarsi maallaqaa karaa seeraan alaa, gochaaleen gibira dhoksuu, mallaqa seeraan alaa seera qabeessa fakkeessuufi yakkootni walfakkaatoon biroo, diinagdee biyyaa hubuun dabalata, hidhattootaafi gareewwan shoorarkeessummaaf socho’aniif oolaa turuu Ibsi Tajaajilichaa addeesseera

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply