Shakkamtoonni qaamolee Kabachiisa Dambii irratti yakka reebichaa raawwachuun shakkaman to’annoo jala oolan

You are currently viewing Shakkamtoonni qaamolee Kabachiisa Dambii irratti yakka reebichaa raawwachuun shakkaman to’annoo jala oolan

‎AMN PLUS- Adoolessa 29 /2017

‎Hojjettonni Abbaa Taayitaa Kabachiisa Dambii Finfinnee hojiirra jiran yakka reebichaa raawwataniiru jedhamuun qaamolee shakkaman to’annoo jala oolchuun poolisiin qorannoo adeemsisaa akka jiru Qajeelchi Olaanaa Poolisii Magaalichaa ibsa Addis Miidiyaa Neetworkiif ergeen beeksiseera.

‎Shakkamtoonni kunneen yakka kana kan raawwatan Adoolessa 26 jechuunis Sanbata xiqqaa darbe, Kutaa Magaalaa Nifaas Silki Laaftoo, Aanaa 13, bakka addaa “Jamoo Mastaawat Faabriikaa” jedhamutti ta’uu ibsa kanaan eerameera.

‎Shakkamtootni kunneenis Yohaannis Kabbada, Sayid Seefuu, Ismaa’eel Sulxaan, Hayraddin Shifaa, Fajru Sulxaan, Baahiruu Raahmatoo, Miniwwar Haayiluu, Haayiliyyee Jamaal fi Asmaar Alamuu ta’uu beeksisuun shakkamtoonni biroo lama to’annoo jala hin oolle jechuun ibsicha irratti eerameera.

‎Shakkamtoonni kunneen daandii miilaa irratti daldala seeraan alaa taasisaa osoo jiranii miseensonni Abbaa Taayitaa Kabachiisa Dambii Magaalaa Finfinnee Maatusaalaa Maadoree fi Abbush Shigguxee jedhaman, taatee kana ittisuuf yaalii gochaa turuu Qajeelchichi ibseera,‎

‎Haa ta’u malee, shakkamtootni kunneen dhagaafi dhiitichoodhaan miseensota Kabachiisa Dambii lamaanirratti reebicha raawwataniiru jedheera.

‎Shakkamtoonni kunneen gocha kana raawwatanii miliqanis, hordoffii poolisii magaalichaatiin to’annoo jala ooluu danda’aniiru kan jedhu poolisiin, gocha yakkaa kana qorachuun shakkamtoota hanga ammaa to’annaa jala hin oolle to’annaa jala oolchuuf tattaaffii godhaa jiru itti fufee jiraachuu ibseera.

‎Sochiin daldalaa seeraan alaa daandii irratti raawwatamu sochii namoota miilaan deemanii fi konkolaattotaa jeequu qofa osoo hin taane, lammiilee balaa tiraafikaaf saaxiluu fi sochii daldalaa fayya qabeessa ta’e miidhuu mala jechuun Qajeelchi Olaanaa Poolisii magaalaa Finfinnee hubachiiseera.

‎Qajeelchi kun Humnoota nageenyaa sochii kana ittisuuf bobbaafaman irratti qoccollaan taasisamuufi seera kabajuu dhabuun itti gaafatamummaa seeraa akka hordofsiisu itti dabaluun yaadachiiseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply