Sheeh Sulxaan Amaan Eebbaa Waggoottan shanan itti aananiif Mana Maree Dhimmota Isilaamaa magaalaa Finfinnee hoogganuuf filataman

You are currently viewing Sheeh Sulxaan Amaan Eebbaa Waggoottan shanan itti aananiif Mana Maree Dhimmota Isilaamaa magaalaa Finfinnee hoogganuuf filataman

‎AMN PLUS – Hagayya 25/2017

‎Sheeh Sulxaan Amaan Eebbaa waggoota shanan itti aananiif Pirezidaantii Maree Dhimmoota Isilaamummaa Magaalaa Finfinnee ta’uun filatamaniiru.

‎Manni Maree Dhimmoota Isilaamuummaa Finfinnee boqonna filannoo majiliisaa xumureera.

‎Filannoon hoji raawwachiistota majiliisaa Ji’a 5 kan lakkoofsise kan 2017 boqonnaa filannoo dursaa milkaa’inaan xumuramuun kan yaadatamu yoo ta’u masjiidota 334, aanaalee 119 kutaalee magaalota 11 irratti karaa nagaan filannoon gaggeeffamaa tureera.

‎Finfinneetti sadarkaadhaan filannoo xumuraa kan ta’e hoji raawwachiistoti magaalaa Finfinnee , filannoon odiitii fi inisperkshinii kan gaggeesse yoo ta’u har’a waaree booda adeemsa filaannoo xumuraa ta’een majiliisi Finfinnee waggoottan shanan itti aananiif kan gaggeessan Pirezidaantii, itti aanas pirezidaantii, barreessaa olaanaa fi miseensota hoji raawwachiistota majiliisaa ifa gochuun beeksiseera.

‎Haaluma kanaan:

‎1. Sheeki Sulxaan Amaan Eebbaa sagalee olaanaadhaan pirezidaantii majiliisichaa ta’uun filatamaniiru.

‎2. Sheeki Mohaammad Shariif immoo itti aanaa pireezidaantummaa akka hooggananiif kan filataman yaroo ta’u

‎3. Sheeki Buddiin Nuuras barreessaa olaanaa ta’aniiru.

Korichi ‎Hoji raawwachiistoota majiliisa Finfinnee kan ifa godhe yaroo ta’u, haala kanaan

‎1. Sheeh Sulxaan Amaan Eebbaa

2. Sheeh Mohaammad Shariif

‎3. Sheeh Huseen Sayid

4. Ustaaz Gaakii Abbaaboru

‎5. Sheeh Zubeer Reediwaan

‎6. Sheeh Nuuruu Huseen Musxsfaa

‎7. Ustaas Saalaaddiin Mallas filachuun xumuraniiru.

‎Anniwaar Ahimaditu gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply