Yeroo ayyaana Masqalaa bunni qalaan sirna mataa isaatiin adeemsifama. Daamooti ibsuun dura mana keessatti sirna buna qalaatu raawwatama.
Tuulama bahaa ilmaan Oboo biratti sirna daamooti ibsuun dura buna qalaa kanatu raawwatama jedhan Walitti Qabaan Abbooti Gadaa Naannaawa Adaamaa Abbaan Gadaa Rattaa Yaa’ii.
Daamooti ibsuunis galagala kan eegalamu yoo ta’uu sirni isaa buna qalaadhaan mana keessaa jalqabama.
Haati warraa xuwwee irratti buna duudaa dhadhaan bilcheessiti. Buna dhuganis cinaatti dhaabbatu. Buna duudaa dhadhaan bilchaate sana gabatee xiqqootti xuwwee keessaa naquun abbaa warraatti kennama. Abbaan warraas waddeecha isaa qomaan irkifatee, iddoo bunni qalaan itti bilchaate haadha warraatti siqee taa’uun buna duudaa bilchaate gabatee xiqqoo waliin irraa fudhata.

Jalqaba ofumarraa ka’uun dhadhaa buna duudaa bilcheesse sana ofiin xuqaa akkas jechuun eebbifata.
”Adda jaboo nu godhi
Lubbuu dheertuu nu bulchi” jedha Addaafi mormaan of tuquun.
Itti aansuun haadha warraa lubbuun xuquun lubbuu dheertuu buli jedhan.
Dabareen maatii hunda kan eebbisu yoo ta’u haadha warraatti aansee ilma hangafatu eebbifama. Kunis akkana jechuun
”Adda jaboo ta’i
Lubbuu dheertuu buli
Angafa bulaa ta’i” jechuun ilma dhiira kan angafa ta’e eebbisa. Yoo dabaree quxusurra gahes quxusuu bulaa ta’i jechuun eebbisa.
Kan intala dubraa ammoo
”Lubbuu dheertu buli
Dhirsa gabbataa argadhu
Horii ballaadhu

Daagaagii mul’adhu” jedhee dhadhaa buna duudaa bilcheesse qubaan tuqaa maatii isaa hangafaa quxusuun tartiibaan erga eebbisee booda oollarraa kan dhufanis haaluma saniin eebbisa jechudha.
Buna duudaa dhadhaan bilchaate erga ofii nyaatee booda warraa kaanifis ni hira jechuudha.
Bunni qalaan faloofi waaq-kadhaaf qophaa’a jedhan Abbaan Gadaa jahan Bachoo Fiqaaduu Abarraa.
Oromoon irra caalaa yeroo waaq-kadhaafi wadaajaa buna qalaa kana qopheeffata. Bunni qalaan kunis korma bakka bu’a. Bunni qalaan waan dhadhaan bilchaatuuf manas ta’ee qe’e san ni urgessa. Urgaan isaa ammoo bookee ta’ee ilbiisota adda addaa ni fageessas jedhaniiru.

Buna qalaa bilchaatee qophaa’e kanaas marga jiidhaa qarri isaa hin citin afur afur harka mirgaafi bitaatti qabachuun eebbifata jedhan Abbaan Gadaa Bachoo kuni. Dhadhaa buna duudaan bilchaate san marga kanaan xuquun gara dacheetti facaasaa akkas jechuun eebbifata.
”Dachee nu baadhu…x5
Hulluuqee waaq siyaa gahu…x5 jedhee erga eebbifatee booda ni urgeffata, ni dhandhamas jechuudha.
Akkuma kan warra ilmaan Oboo, warri Bachoos hangafaa quxusuun buna qalaa kanaan wal-eebbisuun sirna waaq-kadhaa gaggeessu. Kanaaf bunni qalaan Oromoo biratti sirna guddaan tibba ayyaana Masqalaas raawwatama.
Shuumii Badhaasootu Qindeesse