Sirna Magaaloota Itoophiyaa dijitaaleessuu

You are currently viewing Sirna Magaaloota Itoophiyaa dijitaaleessuu

AMN PLUS- Hagayya 14/2017

Sirni bakka argama teessoo dijitaaleessuu magaalota Itoophiyaa 15 keessatti hojiirra ooluuf ta’uu himame.

Itoophiyaa keessatti magaalonni saffisaan guddachuu fi babal’achaa dhufuurraa kan ka’e argama iddoowwanii salphuumatti argachuun rakkisaadha.

Yeroo balaan tasaa mudate konkolaattonni ittisa abiddaa fi ambulaansii miidhamtoota fuudhuufi balaa too’achuuf iddoo itti waamaman ga’uuf daqiiqaa hedduu akka fudhata.

Itoophiyaan rakkoo kana furuuf ji’a Hagayya 2014 irraa eegaltee sirna teessoo argamaa dijitaaleessuu magaalootaa hojiirra oolchaa jirti.

Sirni teessoo dijitaaleessuu kun haala salphaa ta’een argamni iddoo tokkoo namaaf akkataa galuu danda’uun adda baasuun beeksisuudha.

Inistiitiyuutii Saayinsii Hawaa fi Ji’oo Ispashiyaalititti Hoji Raawwachiisan Pirojektii Sirna Teessoo Dijitaaleessuu Obbo Agmaasee Gabayyoo akka himanitti, hojiirra oolmaan yaalii sirna dijitaaleessuu magaalaa Bishooftuutti xumuramee tajaajilichi Gurraandhala 2016 guutummaatti hojiirra oolu ibsaniiru.

Muuxannoo gaarii Bishooftuutti fayyadamuun sirnicha gara magaalota birootti babal’isuuf hojjetamaa akka jirus akeekaniiru.

Magaaloota kanneen akka Finfinnee, Adaamaa, Harar, Baahar Daar, Dabra Biraanii fi Jimmaatti hojiiwwan adda addaa kanneen akka suuraa qilleensarraa kaasuu, ragawwaan qopheessuu, argama iddoowwanii kennuu, odeeffannoo qopheessuu, kaartaa qopheessuu fi sirna dijitaalaan wal-walqabsiisuun xumuramuutti akka jiru akeekaniiru.

Yeroon yaalii sirna dijitaaleessuu magaaloota jahaa xumuramee hanga Muddee 30, 2018tti guutummaatti hojiirra akka oolu akeekaniiru.

Bara baajataa 2017tti hojii dijitaaleessuu kan jalqaban magaaloonni akka Kombolchaa, Gondar, Arbaa Minci, Mizaan Amaan, Wolaayittaa Sooddoo, Awaash sabaati, Hawaasaa, Jijjiigaa fi Dirree Dawaa keessatti hojiirra oolmaa sirna teessoo dijitaalaa bara baajataa kanatti akka xumuramu ibsameera.

Walumaagalatti baajata qopha’een magaaloonni 15 guutummaatti dijitaaleessuu hojiirra kan oolchan ta’uu ibsameeru.

Inistiitiyuutichi magaalaa fi Ministeera Bu’uuraalee misoomaa waliin ta’uun bara baajataa kana keessatti hojii qophii sirna dijitaaleessuu magaalota 18 keessatti xumuruuf karoorfachuus akeekeera.

Magaalota akka Adawaa, Amboo, Adigraat, Shiree, Aksuum, Maqalee, Waldiyaa, Walqixxee, Baatuu, Boongaa, Fiichee, Gaambeellaa, Jinkaa, Kamisee, Roobee, Shaggar, Waraabee fi Walisoo magaalota hojiin qophii itti raawwatamuudha.

Akka Obbo Agmaasi jedhanitti; Hojiin magaaloota 18 bara baajataa 2019tti akka xumuramu akeekaniiru.

Sirni Teessoo Dijitaalaa hojiirra oolmaa tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2025 fi ijaarsa diinagdee dijitaalaa keessatti gahee murteessaa kan qabu ta’uus ibsameera.

Sirni Teessoo Dijitaalaa, karaa akeekuu bira darbee, meeshaalee geejjibsisuu, ambulaansii, daldala onlaayinii, daandiiwwan, bu’uuraalee misoomaa fi tajaajiloota biroo toora interneetii irratti waliin gayinsaa taasisuufi faayidaa hedduu akka qabu ibsaniiru.

Karoora waggaa 10 tiin magaaloota 73 Sirna Teessoo Dijitaalaatiin fayyadamoo taasisuuf karoorri qabamee hojjetamaa akka jiru hoji raawwachisaan kun ibsaniiru.

Adawaa, Amboo, Adigraat, Shiree, Aksuum, Maqalee, Waldiyaa, Walqixxee, Baatuu, Boongaa, Fiichee, Gaambeellaa, Jiinkaa, Kamisee, Roobee, Shaggar, Waraabee fi Walisoo magaalota hojiin qophii itti raawwatamuudha.

Akka Obbo  Agmaaseen jedhanitti, hojiin magaaloota 18 bara baajataa 2019tti akka xumuramu akeekaniiru. Sirni Teessoo Dijitaalaa hojiirra oolmaa tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2025 fi ijaarsa diinagdee dijitaalaa keessatti gahee murteessaa kan qabu ta’uus  ibsameera.

Sirni Teessoo Dijitaalaa, karaa akeekuu bira darbee, meeshaalee geejjibsisuu, ambulaansii, daldala interneeti, daandiiwwan, bu’uuraalee misoomaa fi tajaajiloota biroo toora interneetii irratti waliin gayinsaa taasisuufi faayidaa hedduu akka qabu ibsaniiru.

 Karoora waggaa 10 tiin  magaaloota 73 Sirna Teessoo Dijitaalaatiin  fayyadamoo taasisuuf karoorri qabamee hojjetamaa akka jiru hoji raawwachisaan  kun ibsuu isaani TOI’tu gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply