Sudaanitti sigigni lafaa namoota 1000 galaafate

You are currently viewing Sudaanitti sigigni lafaa namoota 1000 galaafate

‎AMN PLUS – Hagayya 27/2017

‎Sudaan Lixaa naannoo tulluu Maarraa jedhamutti sigiga lafaa tasa mudateen lubbuun namoota 1000 darbuu dhaga’ameera.

‎Balaan hammaataa kun naannawa Taaraasiin jedhamutti Dilbata darbe rooba cimaa roobe hordofee kan mudate ta’uu namni tokkichi balaa kanarraa lubbuun baraarame ibsuu isaa BBC’n gabaaseera.

‎Gareen hidhataa kun rakkoo mudate kana dhaabbilee gargaarsa namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi dhaabbilee garaa garaatti beeksisuu isaa ibseera.

‎Jiraattonni amma naannoo tulluu Taaraasiiniitti balaaf saaxilaman kun kanaan dura lola waraana Sudaanii fi Humna Dafee Qaqqabaa (RSF) jedhamu gidduutti ka’een kaaba Daarfurii buqqa’anii godaansaan bakka amma itti miidhaman qubachuun isaanii beekameera.

‎Waraana wal waliinii Sudaan kanaan Bulchiinsa Daarfur keessatti qofa Eebla 2023’tti lammiileen 150,000 ajjeefamuufi Miiliyoonni 12 ol qe’ee isaanii irraa akka buqqa’anis ragaaleen ni agarsiisu.

‎Dhimma kanarratti Mootummaa Sudaanirraas tahe qaamolee deggersa idil-addunyaa irraa hanga gabaasni kun qindaa’etti ibsi kenname hin jiru.

‎Daraartuu Tarreessaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply