Dooktar Abiy Daayriktera Olaantuu Dhaabbata Daldala Addunyaa waliin mari’atan

You are currently viewing Dooktar Abiy Daayriktera Olaantuu Dhaabbata Daldala Addunyaa waliin mari’atan

AMN PLUS Guraandhala 9, 2017

Ministurri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Daayriktera Olaantuu Dhaabbata Daldala Addunyaa Dooktar Naagoizii Ookoonjoo waliin mari’atan.

Itoophiyaan waggoota darban keessa miseensa Dhaabbata Daldala Addunyaa ta’uuf yaalii gochaa turuu Ministirri Muummee FDRI Abiy Ahimad marii isaaniin ibsaniiru.

Miseensa dhaabbatichaa ta’uuf ulaagaalee barbaachisan gabaabsuuf hojjetamaa akka jirus hubachiisaniiru.

Riifoormii diinagdee Gooroo Ioophiyaan hojiirra oolchaa jirtu ilaalchisees Daayrektarattiif ibsa kennaniiru.

Itoophiyaan haala dantaa biyyaalessaa ishee eeggeen miseensa dhaabbatichaa ta’uuf tattaaffii taasiftu itti fufti jedhan.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply