Itoophiyaan taateewwan idil-addunyaa, sadarkaa Afriikaafi biyyaalessaa dhiyeenyatti qopheessitu ilaalchisee qophaa’ummaan caasaa nageenyaa qoratamuu Poolisiin Federaalaa beeksise.
Komishinarri Jeneraalaa Poolisii Federaalaa Dammallaash Gabramikaa’el bakka argamanitti qorannoo taasifameen nagaafi tasgabbiin Finfinnee amansiisaa ta’uu qoratameera.
Fuuldurattis humni namaa leenji’ee hedduun teeknooloojiin deeggarame magaalattii keessa akka bobbaafamu ibsameera.
Hawaasni haga ammaa caasaa nageenyaa waliin qindoomuun nageenya magaalaasaa ciminaan tikfataa akka jiru qorannoo kanaan eerameera.
Fuuldurattis hawaasni tumsa caasaa nageenyaaf taasisu cimsee akka itti fufu Caasaan Nageenyaa waamicha dhiyeesseera.