Biiroon Geejjibaa Magaalaa Finfinnee tajaajila geejjibaa magaalatti ammayyeessuufi si’ataa taasisuuf qooda fudhattoota waliin sanada walii galtee mallatteesseera.
Tajaajila geejjibaa kana ammayyeessufi itti quufinsa hawaasaa mirkaneessuuf kana booda konkolaattonni dullooman konkolaattota ammayyawoodha kan bakka bu’an ta’uu Hoogganaan Biiroo Geejjibaa magaalicha Obbo Yaabbibaal Addis dubbataniiru.
Konkolaattonni magaalaa Finfinnee dhibbeentaa 65 ta’an tajaajila guddina magaalichaa wajjiin deemu kennuuf gahaa akka hin taanes himan.
Kanaafis yeroo itti aanutti abbootii qabeenyaa konkolaattotaa waliin mariin taasifamuun hubannoon uumamee konkolaattonni haaraan humna ibsaan hojjetaniin kan bakka bu’an ta’uus himan.
Biirichi Dhaabbata Baazraa Motorsi waliin tajaajila konkollattota ammaayawaa kanneeniifi tajaajila liqaa mijeessuuf sanada walii galtee malleessera.
Geetaahun Katamaatu Gabaase.