‎Tajaajila qulqullina qabu kennuuf MASOB gumaacha olaanaa qaba- Obbo Tamasgeen Xurunaa

You are currently viewing ‎Tajaajila qulqullina qabu kennuuf MASOB gumaacha olaanaa qaba- Obbo Tamasgeen Xurunaa

‎AMN PLUS- Sadaasa 7/2018

Dhamaatii tajaajilaa hambisuuf tajaajilli iddoo tokko MASOB gumaacha olaanaa akka qabu Ministirri Muummee Itti Aanaan Obbo Tamasgeen Xurunaa ibsan.

‎Obbo Tamasgeen Xurunaa Tajaajila iddoo tokkoo MASOB Magaalaa Dasee eebbisiisuun hojii jalqabsiisaniiru.

‎Kenna tajaajilaa sakatta’uun tuttuqqii harkaatirraa bilisa kan ta’e tajaajila argachuun akka barbaachisu ibsaniiru.

‎”Uummatni Dasee warra misooma barbaadu, haqaaf kan dhaabbatan, mariitti kan amanaan, Itoophiyumman kan boonaanifi tokkummsatti warra amanuudhaa” jedhaniiru.

‎Sochii olaanaa misooma magaala Dasee daawwachuu kan himan Miniatirri Muummee Itti Aanaan, misooma kana itti fufsiisuuf tajaajilli dijitaali iddoo tokkoo MASOB gumaacha olaanaa akka qabus ibsaniiru.

‎Tajaajilli iddoo tokkoo kun asiif achi deemii maamiltootaa hambisuun yeroo, baasiifi dadhabbi akka irraa hambisu Obbo Tamasgeen dubbataniiru.

‎Tajaajila iddoo tokkoo MASOB sirritti babal’isuun cimaanii akka itti fufsiisun akka barbaachisus ibsaniiru.

‎Gama biraatiin misooma kooridarii jalqabame cimsanii itti fufsiisuun qulqullina magaalatti eeguun akkasumas nageenyifi misoomni akka walsimuuf hawaasni nageenya eeguu akka qabanis dhaamaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply