Tajaajilli Mana Qopheessaa fedhii maamilaa guutaa jira- Injinar Wandimmuu Seettaa

You are currently viewing Tajaajilli Mana Qopheessaa fedhii maamilaa guutaa jira- Injinar Wandimmuu Seettaa

‎AMN PLUS -Hagayya 6/2017

‎Bara baajataa 2017tti Tajaajilli Mana Qopheessaa haqa qabeessa, dhaqqabaa fi fedhii maamiltootaa kan guute ta’uu Sadarkaa Kantiibaa Itti Aanaatti Hoji Gaggeessaan Olaanaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Injinar Wandimmuu Seetaa himan.

‎Waajjirri Hoji Gaggeessaa Magaalaa Finfinnee dhaabbilee dhimmi ilaaluufi waliin hojjatu waliin raawwii hojii bara 2017fi karoora bara 2018 irratti marii gaggeessee jira.

‎Bara 2017tti qofa lammiilee Miiliyoona 3 fi kuma 100 ol tahaniif waraqaa eenyummaa Dijitaalaa Faayidaa argachuuf akka galmaa’an Injinar Wandimmuu Seettaa dubbataniiru.

‎Bakkeewwan balaa abiddaaf saaxilamoo ta’an fala akka argatan gochuu kan dubbatan Injinar Wandimmuun, kanaanis qabeenyi Birrii Biiliyoona 12 fi Miiliyoona 7’tti tilmaamamu balaa abiddaa irraa akka oolu taasisameera jedhan.

‎Bakkeewwan dukkana ta’an ifa akka argatan gochuu fi ibsaa daandii irraa hojii dhaaban sirraa’anii akka hojjetan waan taasifameef sochiin daldala halkanii akka adeemsifamu haala mijeesseera jechuun dubbataniiru.

‎Teediroos Yisaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply