Tapha Guutuu Itoophiyaa Guyyaa 5ffaan Naannoon Oromiyaa morkii buunyaa dhiirotaan warqee yoo argatu gama dubartootaan ammoo Beeniishaangul Gumuzitu injifate.
Fiigicha Miitira 5000 dubartootan ammoo Naannoon Tigraayi 1ffaa fi 2ffaa yoo bahu Naannoon Oromiyaa 3ffaan xumure.
Tapha kubbaa miilaan dhiirootaan galchii malee kan gargar bahan Gambeellaa fi Oromiyaa lamaan isaanituu nuusa xumuraaf darban.
Gama biraan morkii bishaan daakuu hanga yoonaa irratti hirmaateen Magaalaan Finfinnee meedaliyaa warqee 8 yoo argatu,tapha aadaa jalatti kan ramadamu darbannaa Kolboos olaantummaan xumureera.
Misikkir Alamaayyootu gabaase.