Taphattootni Cheelsii Waancaa Kilaboota Addunyaa injifachuu isaaniin boonasii argatan mara maatii Diyaagoo Jootaafi Andiree Silvaaf kennuuf murteessan.
Abbaan qabeenyaa Chelsii Tood Bohile walii galaan boonasii yuuroo miiliyoona 15.5 kennuuf waadaa kan galan yoo ta’u, tokkoon tokkoon taphataan yuuroo kuma 500 walgaha ture.
Maarree taphattoonni kunneen gahee isaanii maatii Diyaagoo Jootaafi obboleessa isaa Andree Siilvaaf akka oolu murteessaniiru.
Liverpuul kanan duraa maatii Diyagoo Jootaaf mindaa Wagga lama akka kanfaluu waadaa galee akka ture ni yadatama.
Rabbirraa Hirphaatiin