Teeknooloojii fi uumama wal sime- Singaapor

You are currently viewing Teeknooloojii fi uumama wal sime- Singaapor

‎AMN PLUS- Hagayya 29/2017

‎Guddinni fi ammayyummaan addunyaa uumama dhiibuun ijaarsa nam-tolcheetiin bakka buufamaa jira.

‎Faallaa kanaatiin garuu, biyyi xiqqoon odola taate Singaapoor uumama teeknooloojii wajjiin, qulqullina ammayyummaan wal-simsiisuun kan guddatte biyya fakkeenya gaarii qabdu ta’uun dhaadheffamaa jirti.

‎Bara 1963 booda kolonii Ingilizii jalaa kan baate Singaapoor Federeeshinii Maaleezhiyaa irraa cituun akka biyyaatti hundoofte. Yeroo sanattis Lii Kuwaan Yew Abbaa Singaapoor jedhamuun kan beekamu gaggeessaa biyyattii ta’uun aangoo qabate.

‎Bara 1960’ta keessa namoonni miliyoona sadii hoji dhabaa kan turan yoo ta’u, ummata biyyattii hunda keessaa harki lama daangaa biyyatti keessa faca’anii bakka qaroominni hin geenye keessa jiraataa turan.

‎Hanqinni qulqullinaa yoo jiraatu, bu’uuraaleen misoomaas hin turre. Dhiyeessiin bishaanii hanqachuufi qabeenyi uumamaa muraasa tahuun biyya kana haaromsuuf mata dhukkubbii ture.

‎Gaggeessaan yeroo sanaa Lii Kuwaan Yew murtoowwan bu’uuraa kaa’uun waggoota torba keessatti biyyattiin Kooriyaa Kibbaa, Taayiwaan fi Hoong Koong kanneen guddina diinagdeefi hawaasummaan ishee caalaa tutan waliin dorgomuu akka jalqabdu taasisan.

‎Bara 1970’ta gara jalqabaa guddinni waliigalaa biyya keessaa (GDP)n baay’ee waan hin guddanneef Singaapooritti galiin nama tokkoo waggaatti doolaara 500 kan ture bara 1991tti tokkotti doolaara 14,500tti ol guddate.

‎Ragaa amma jiruun biyyi xiqqoon Kibba Baha Eeshiyaa keessatti argamtu kun bal’inni ishee iskuweer kiiloo meetira 721.5 yoo ta’u, baay’inni ummataa ammoo miiliyoona 5.7 ta’a.

‎Iddoowwan magariisaa hedduu fi paarkiiwwan haala gaariin kunuunfaman magaalaa keessa waan jiraniif dinqisiiffannaa argachuu bira dabree ‘’Magaalaa Biqiltuu” jedhamtee waamamtu.

‎Uumama kununsuu, qulqullinaa fi teeknooloojiin wal-simsiisuuf Singaapoor kaka’umsa ummataa fi seerota baay’ee hojiirra oolchaa kan turte misooma itti fufiinsa qabuu fi eegumsa naannoo irratti jijjiirama guddaa galmeessite.

‎Singaapoor keessatti ajaja dooktoraatiin alatti, maastikaa alanfachuun dhorkaadha.

‎Karaa irratti tufuu, tamboo xuuxanii gatuun, pilaastikii adda addaa, qola karameellaa fi meeshaalee xixiqqoo waa keessaa fayyadaman daandiirratti gatuun adabbii guddaa namatti fida.

‎Singaapoor keessatti yakki hin baay’atu Kanaafuu, addunyaarratti magaalaa nageenyan beekamtuudha.

‎Paarkiiwwan, iddoowwan biqiltuu fi bakka kunuunsa uumamaa baay’ee kan qabdu yoo taatu, iddoowwan biqiltoota Singaapoor hambaa addunyaa ta’uun ‘UNESCO’ irrattis galmaa’eera.

‎Shuumii Badhaasootiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply