Qonnaan bultoonni Naannoo Gidduu Galeessaa Itoophiyaa Aanaa Addaa Qabeenaa bu’aawwan teekinoloojii ammayyaatti fayyadamuun waggaatti yeroo lamaafi isaa ol oomishaa jirra jedhan.
Tuutni Gaazexeessitootaa hojiilee misooma qonnaa, bakkeewwaan seenaa qabeessaaa fi haawwata turistii ta’an daawwataniiru.
Qonnaan bultoonni bu’aawwan teekinooloojii qonnaa keessaa Kilaasteraafi Makaanayizeshinii qonnaatti fayyadamanii hojjechaa jiran callaa gaarii kan abdatan ta’uu kaasaaniiru.

Bulchaa Itti aanaa fi Itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaa Aanaa Addaa Qabeenaa Obbo Abdulshukur Daliil aanichaatti gidduu galeessaan lafa heektaara tokko callaan kuntaalli 86.5 ni argaman jedhan.
Xaafiin, boqqolloofi shumburaan oomishaalee gurguddoo aanichatti keessatti bal’inaan oomishamaniidha kan jedhan Obbo Abdulshukur 90% ol kilaasteraan kan misooman ta’uu tuuta Miidiyaaleef ibsaniiru
Inisheetiviiwwan akka biyyaatti qabame milkeessuuf qonna jallisii, qonnaa magaalaafi bunarratti xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuuus himaniiru
Mangashaa Daargeetu Gabaase