Teessoo Kooriidariirra qaamoleen uffata hafan adabaman

You are currently viewing Teessoo Kooriidariirra qaamoleen uffata hafan adabaman

AMN PLUS- Sadaasa 15/2018

Teessoowwan haara-galfii uummataaf misooma kooriidariin ijaaraman irratti namoota dhuunfaafi dhaabbilee uffata hafan irratti tarkaanfiin fudhatamuu Abbaan Taayitaa Kabachiisa Dambii Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee beeksise.

Kutaa Magaalaa Lammii Kuraa Aanaa 13tti kaleessa jechuunis Sadaasa 14 Bara 2018 gochi kun kan raawwatame yoo ta’u, abbaa qabeenyaa Kaafeteeriyaafi hojjattoota gocha kana raawwatan to’achuun, dhaabbatni bashannanaa kun akka cufamu taasifamuu Abaan taayitichaa beeksiseera.

Hawaasni misooma kooridarii, misooma lageeniifi kanneen biroo mootummaan hojjataman eeguufi kunuunsuun tajaajila karoorfameef qofatti akka dhimma ba’uufi itti tajaajilamu yaadachiiseera.

Tarkaafiiwwan fudhachuu akka itti fufu beeksisuun, qaamolee hawaasaa eeruu kennan galateeffachaa gochootni akkasii yoo taasifamanii argaman, lakkoofsa bibila bilisaa 9995 irratti eeruu akka kennus itti dabaluun ibsuu isaa odeeffannoon Daayirektoreetii Komunikeeshinii Abbaa Taayitichaa nuuf erge ni mul’isa.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply