Magaalaa Finfinneetti abbootii warraa 29 naannawa lafti dhodhooheerraa kaasuun hojiin balaa kana to’achuu hojjetamaa jiraachuu Manni Qopheessaa Magaalaa Finfinnee beeksise.
Sadarkaa Itti aanaa Kantiibaatti Hoji Geggeessaa olaanaan Mana Qopheessaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Injinar Wandimmuu Seetaan AMN’f yaada kennaniin mallattooleen dhodhoohuu lafaa torban sadii dura Kutaa Magaalaa Addis Katamaatti akka mul’ate himan.
Bakka Addaa Manneen Waliinii Miikiiland bilookii 14, Dallaa Mana Barnootaa Miikii Laand Sadarkaa 1ffaafi Aanaa 14ttis Mooraa Mana Amantaa tokkoo keessatti Olmaa Daa’immanii fi Mana Qulqullinaa moorichaarra balaan kun mudachuu eeran.
Mallattooleen kunniin akkuma mul’ataniin hoggantoonni Kutaa magaalichaafi Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaa Magaalaa Finfinnee hordoffii gahaa taasisaa turuufi ogeeyyiin Ji’ooloojii Yuunivarsitii Finfinnees qorachaa akka turan himan.

Sababni dhodhoohu lafaafi liqimfamuu daandii kunis baayyina rooba tibbanaan biyyoon hammentaa bishaanii baayyee yeroo qabatutti lafti sigigaachuu, akkasumas lagni Giddugala Biqiltuu Gullallee ka’ee kallattii sanirraan darbu baayyina roobaan olka’uun biyyee dhiquusaan ta’uu ibsaniiru.
Duraan yeroo manneen waliinii Miikiiland bilookiiwwan 123 ijaaraman hafteen ijaarsaa achumatti tuulamuunsaa, Daandii hasfaaltii hojjetame biyyee humna hin qabneefi qarqara lagaarra ta’uusaan akkasumas sirni dhangala’aa manneen jireenya kanneenii ittiin maqfamu sirrii akka hin taane Injinar Wandimmuu Seetaa eeraniiru.
Balaa amma mul’ateen miidhaan akka hin dhaqqabneef Jiraattota bilookii 13 irra jiraatan mariisisuun abbootiin warraa 29 akka bahan taasifamee, manneen samsamuu eeraniiru.
Akka Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti waqtiin Gannaa osoo hin seenin bakkeewwan sodaa balaan qaban 378 adda baasuun akkaataa dhangala’aan sirnaan itti maqfamuufi bo’oowwan lalaa gahaan akka jiraatan hojjetamaa turuu ibsan.
Fuuldurattis bu’aa qorannoo ogeeyyii Yuunivarsitii Finfinnee irratti hundaa’uun rakkoo kanaaf fala kaa’uuf ni hojjetama jedhan.
Manneen Jireenya Waliinii kana keessa abbootii warraa 4,272 jiraata kan jedhan Injinar Wandimmuun bishaan roobaa bilookiiwwan 123 kanneen keessa bahu karaa sirrii ta’een gara lagaa akka seenuuf Daandii lolaa sirrii ta’e kan hojjetamu ta’uus himan.
Yeroo ammaa ujummooleen jiran cuccufamuun bishaan roobaa gara lagaa osoo hin ta’in mooraadhuma sana keessatti biyyee seenaa jiraachuu eeruun kunis lafti akka wal hin qabanne taasisuu isaa dubbataniiru.
Yeroo dhihoottis hojiin sirna dhangala’aa ittiin maqfamu sirreessuu bal’inaan akka hojjetamu Injinar Wandimmuu Seetaa eeraniiru.
Tagany Bafiqaaduutiin