Tiraampiifi Zeleniskiin wal arguufi

You are currently viewing Tiraampiifi Zeleniskiin wal arguufi

AMN PLUS-Hagayya 10/2017

Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp, dursaa Yuukireen Zeleniskii waliin mari’achuuf beellama qabachuun dhagahame.

Tiraamp gita isaanii Raashiyaa Vilaadmiir Puutin waliin erga kaleessa Alaaskaatti waliigaltee malee adda bahaniiti, beellamni marii Tiraampiifi Zeleniskii kun kan qabame.

Wiixata dhufu Waashingitan DCtti wal arganii akka mari’achuuf jiran beekameera.

Tiraamp yaada Putiin irratti jijjiiramni jira, marii bu’a qabeessas gaggeessineerra jedhaniiru.

Erga Yuukiren wajjin mari’annee booda waliigaltee waraanicha dhaabuurra ni geenya. Lubbuun lammiilee Miiliyoonaan lakkaa’amaniillee ni baraarama jechuun miidiyaa hawaasummaa isaanii irratti barreessaniiru.

Marii Zeleniskii wajjin taasisan hordofee Puutinis akka gara mariitti deebi’an eegama.

Puutin gama isaaniin Tiraamp dhugumatti waraanicha dhaabuu barbaada jechuu isaaniirra lamaanuu gaazexessitootaaf ibsa kennuurraa of qusataniiru.

Xiinxaltootni siyaasaa mariin waraana dhaabuu Yuukireeniin ala akka hin milkoofne, mariin kaleessaa waliigaltee malee xumuramuun isaa agarsiistuudha jedhan.

Garuu Puutin waggaa afur booda gara waltajjii dippiloomaasiitti akka deebi’an agarsiistuudha jedhameera.

Puutin yeroo itti aanutti Chaayinaa wajjin mari’achuudhaafis akka jiran beeksisuu isaanii gabaasa BBC irraa hubachuun danda’ameera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply