AMN PLUS- Bitootessa 3/2017
Walga’iin Abbaa Taayitaa Misooma Mootummoota Giddugaleessaa (IGAD) 43ffaan har’a ni gaggeeffama.
Akka odeeffannoon TOI tiin IGAD irraa argatee ibsetti walga’iin kun karaa toora interneetiin kan gaggeeffamu yoota’u haala yeroo Sudaan Kibbaa irratti kan xiyyeeffatedha.
Walga’icha irratti dhaabbanni naannichaa waldhabdee Sudaan Kibbaa keessatti uumame mariidhaan akka hiikamu, walitti bu’insa hir’isuu fi ummata Sudaan Kibbaaf nagaa buusuuf hojii eegalame cimsee kan itti fufuu ta’uu beeksise.