Torbee Turizimii Oromiyaa har’a guyyaa 2ffaa isaa qabateen daawwattootii biyya keessaa fi galaana gamaa bal’inaan irratti hirmaachaa jiru.
AMN waliin turtii kan taasisuun hirmaattotni torban turizimii kun waltajjichi qabeenya Oromiyaa fi biyyaa kan itti hubanneedha jedhan.
Jaalalli biyyummaa tokkummaa fi wal yaadachuu irratti bu’uura kan kaa’ate waloomina gama dhugoomsuun shoora kan qabu ta’uu hirmaattoti ibsaniiru.
Torban Turizimii Oromiyaa kana irratti biyyoonni Afiriikaa heedduun hirmaachaa jiru.
Tamasgeen Yimaritu gabaase