AMN – Muddee 9/2017
Dandeettii galii sassaabuu Magaalaa Finfinnee guddisuun gaaffilee misoomaa ummatni kaasu deebisuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuusaa Biiroon Galiiwwan Bulchiinsa Magaalichaa beeksise.
Biiroon Galii Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee bara baajataa kanatti Qarshii biiliyoona 230.4 walitti qabuuf kan karoorfate ta’uu Itti Gaafatamaan Waajjirichaa Obbo Biniyaam Mikruu AMN Dijitaalitti himaniiru.
Obbo Biniyaam Mikruu akka ibsanitti, adeemsi sassaabbii galii magaalattii jiraattota isheef mijattuu taasisuu fi dorgomtummaa idil-addunyaa ishee guddisuuf akkaataa karoorfameen hojjetamaa jira.
Ji’oota shanan darbanitti Qarshiii biiliyoona 104 walitti qabuuf karoorfamee kan ture yoo ta’u, hanga ammaatti Qarshii biiliyoona 92 ol walitti qabuun akka danda’ame himanii, raawwiin karoorichaas harka 88 ol ta’uu ibsaniiru.
Bu’uura galii magaalatti babal’isuuf hojiiwwan hedduun hojjetamaa kan jiru yoo ta’u daldaltoota kanaan dura sirna gibiraa keessatti hin hammatamne akka hammatan taasisuun galii magaalichaa guddisuuf hojjetamaa akka jiru hogganaan biirichaa ibsaniiru.
Obbo Binyaam misoomni kooridarii kun gama galiitiin qabeenya dabalataa akka fide eeruun, magaalattii midhagsuun, gamoowwan haaromsuun daldalaaf mijataa taasisuun hojiileen haaraan akka uumamuu sababaa ta’uu ibsaniiru. Haaluma kanaan sababii hojii misooma kooridarii waliin walqabatee daldaltoonni tokko tokko naannoo isaanii gadhiisanii naannoo biraatti hojii idilee isaanii hanga jalqabanitti qaawwi akka hin uumamne taasisuu himaniiru.
Misooma bal’aa magaalattii keessatti eegalaman xumuruuf galiin murteessaa ta’uu kan ibsanii, kana galmaan ga’uufis hojiiwwan biirichi dhimma nagahee waliin walqabatee seera kabachiisuuf Markaatotti eegale cimsuun barbaachisaa ta’uu eeran.
Akkasumas bu’uura galii magaalatti babal’isuuf taasifamaa jiru irratti hojechuun xiyyeeffannaa kan barbaadu ta’uu himani.
Galii magaalattii guddisuu keessatti sirnni daldalaa nagahee muruu gahee olaanaa akka qabu kan himan obbo Binyaam, qaamni hawaasaa hundi kana beekuun daldala kamiifuu nagahee gaafachuun amaleeffamuu akka qabu dhaamaniiru.
Tolasaa Mabrateetu gabaase