Traamp Loltoota Biyyaalessaa magaalota Amerikaa keessa bobbaasuu hordofee qeeqni dhagahamaa jira

You are currently viewing Traamp Loltoota Biyyaalessaa magaalota Amerikaa keessa bobbaasuu hordofee qeeqni dhagahamaa jira

AMN PLUS – Hagayya 19/2017

‎Loltootni biyyaalessaa Ameerikaa yakka magaalota Amerikaa keessatti babal’ataa jiran akka to’ataniif D. Traamp bobbaasaniiru.

Waashingitaniin kan eegalame amma gara magaalota Paartii Diimokiraatiin bulan akka Chikaagoo, Baaltimoor, Niwu Yoork, Saanfiraansiiskootti babal’isuuf yaaduutu himama.

Torban lama darbe daandii Waashingitan irratti kan bobbaafaman loltoonni kunneen meeshaa hidhachuun yakkamtoota adamsuu akka jalqaban gabaafameera. Gaggeessitootni Paartii Dimookiraatawaa fi miseensotni paartichaa hedduu murtoo kana mormanii jiru.

‎Torban lamaan darbaniif meeshaa waraanaa malee daandii Waashingitan irratti sakatta’aa kan turan loltoonni kunneen kaleessa waaree booda irraa eegalee hidhannoo akka qabaatan hayyamameera. Loltoonni kunneen meeshaleen akka M17 fi M4 qabachuuf hayyama argataniiru jedhameera.

‎Koreen loltoota kanneen to’atu, haleellaan lubbuufi qaama nama irratti yaaddoo uumu yoo jiraate qofa akka meeshaa kana fayyadaman beeksiseera .

Dabalataanis, namoota nagaa irratti yoo haleellaa raawwatan seeraan akka itti gaafataman ibseera. Kantiibaan Chikaagoo, Biraandan Joonsan magaalaa isaanii keessatti loltootni kunneen bobbaafamuu hin qaban jechuun murtoo kana mormaniiru.

‎Haa ta’u malee, bulchitoonni magaalota kanneenii waggoota 50 darban keessatti ajjeechaa fi dhukaasni jumlaa hir’achuu isaa ibsuun, Tiraamp “yakka hin jirre uumani” jechuun himataniiru.

Loltoonni eegduu mootummaa federaala biyyaalessaa jedhaman (Republican Guards) kunneen yeroo muddamaatti ajaja Pirezidaantiitiin kan bobbaafamanidha. Waqtii humni camaan sirna heeraa biyyattii balaarra buusu socho’utti loltoota addaa kanatu bobba’a.

Maarree Traamp akka jedhanutti, magaalotni Amerikaa hedduun sosochii uummataaf sodaa ta’aniiru, galgala saamicha hidhannoon deeggarametu geggeeffama jechuun kana sirreessuu qabnaan falmu. Godaantonni seeraan alaas daandiiwwan irratti akka fedhan ta’aa jiru kan jedhan Traamp, nageenya uummataa eeguuf bobbiin kun itti fufuu danda’a jedhamuu BBC fi Reuters’tu gabaase. .

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply