Indooneszhiyaan Miseensa guutuu gamtaa BRICS taate

You are currently viewing Indooneszhiyaan Miseensa guutuu gamtaa BRICS taate

AMN- Muddee 30/2017

Indooneszhiyaan Miseensa guutuu BRICS ta’uu gamtichi beeksiseera.

Baay’ina ummataa addunyaa dhibbantaa 40 kan haammatee fi lakkoofsa ummata addunyaa biliyoona 3 fi Miliyoona 300 dhaqqabee kan jiru Gamtaan BRICS guddina saffisaa galmeessaa jiruun wal qixxummaa gabaa addunyaarraa gara tokkotti dhundhulee jiru wal madaalchisaa jira jedhameera.

Biyyoonni addunyaa gamtaa BRICStti dabalamuuf gaaffii dhiyeessaa jiran hordofee gamtichi biyyoota hedduu Miseensa taasisuu itti fufeera.

Indooneszhiyaan yaa’ii gamtichaa Afrikaa Kibbaatti bara 2023 gaggeffamerratti gaaffii miseensa BRICS ta’uuf dhiyeessite hordofee gamtichi miseensummaa guutuu kenneefii jira.

Biyyoonni Miseensichaa hedduun bara Faranjootaa 2024 milkii olaanaan goolabaniiru.

Namoomsaa Baalliitiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply