Uffannaan sansakaafi cancala isaa gadhiisee safuu cabse duudhaa irreechaa xiqqeessa jedhan Daayirakteerri Misooma Aadaafi Seenaa Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa Obbo Olaanaa Tashoomaa.
Akkaataa sirnaa fi duudhaa kabaja irreechaa irratti Oromoon uffannaa aadaan faayyamanii bokkuu, kallacha, Siiqqee, caaccuu fi marga jiidhaa qabatanii ”maareewoo, gabbisayyoo” jechuun uumaa faaruun galateeffataa gara malkaatti deemu jedhan Obbo Olaanaa Tashoomaa yaada AMN Diijitaaliif kennaanin.
Uffannaa aadaa keessa faalasamni Oromoo akka jiru kaasanii halluuwwan Oromoon fayyadamu gurraacha, diimaa fi adiin hiika mataa isaa akka qabus ibsaniiru. Waldaaleen uffata aadaa irratti hojjetanis cancalaafi sansaka aadaa ummaticha akkaataa eeggateen hojjechuu akka qabanis eeraniiru.

Kaayyoon uffatichaas qabeenyaafi beekumsa Oromoo giddugaleessa kan godhate fi sona Oromootiin hojjetamuu akka qabus dubbataniiru. Waldaaleen ijaaramanii uffata aadaa oomishan yoo hubannoo safuu cabsan qabaachuu baatan dogoggoraan uffannaa safuu cabsu oomishu danda’us jedhameera.
Erga fedhiin gabaa uffata aadaa dabalee waldaaleen indastirii godoo kuma 2’f 225 ta’an hojii keessa jiraachuu isaanii Daayirakteerri Misooma Aadaafi Seenaa Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa obbo Olaanaan kun ibsaniiru.
Gara jalqabaa leenjii tokko malee uffata aadaa oomishaa turun rakkoo ta’us yeroo ammaa garuu diizaayinii hedduu bocuun oomishuun bu’aa caalmaa argamsiisaa jiras jedhaniiru. Diizaayiniin gabaa addunyaa bilisa ta’us, aadaan uffannaa Irreechaa karaa duudhaa Oromoon qabuun akka adeemsifamu hordoffiin ni taasifamas jedhameera.

Seeronni hordoffi kana qajelchanis karaa Aadaafi Turizimii Oromiyaa fi Biiroo Abbaa Alangaa Oromiyaa waliin ta’uun hojirra kan oolan ta’uu ibsaniiru. Qajeelfamoonni duudhaa fi sona Oromoo guddisuuf qophaa’an sirritti dambii bara kana bahuun kan irratti hojjetamu ta’uus ibsaniiru.
Uummanni Oromoo, qeerroo fi qarreen aadaa uffannaa irraa eegalee taatewwan irreechaa hundaa karaa safuu isaa eeggateen addunyaatti mul’isuu akka qaban dhaamaniiru.
Daraartuu Tarreessaatu gabaase.