Ulaa Galaanaa dhabne deebifachuun dirqama dhaloota har’ati- Fiild Maarshaal Biraanuu Juullaa

You are currently viewing Ulaa Galaanaa dhabne deebifachuun dirqama dhaloota har’ati- Fiild Maarshaal Biraanuu Juullaa

AMN Plus – Onkoloolessa 15/2018

Itoophiyaan aarsaa Raayyaan Ittisa Biyyaa fi lammiileen ishee kaffalaniin diigumsaafi bittannaa’uurra baraaramtee birmadummaan as geesse jedhan Itaamaajoor Shumiin Waliigalaa Humnoota Waraanaa Itoophiyaa Fiild Maarshaal Biraanuu Juullaa.

Guyyaa Raayyaa Ittisaa waggaa 118ffaa kabajame irratti argamanii ergaa dabarsaniin, aggaammii fi dhiibban kallattii garaa garaan Itoophiyaa irratti geggeeffamaa ture qabeenya uumamatti akka hin fayyadamneef ta’uu Fiild Maarshaal kaasaaniiruu

Itoophiyaaaf wantoota sadiitu barbaachisas jedhan Fiild Marshaal Biraanuun isaanis Misooma, Nageeanyaa fi Ulaa Galaanaa ta’uu himaniru.

Osoo beeknus ta’ee osoo hin beekiin ulaa Galaanaa dhabne deeffachuun dirqama dhaloota har’aatis jedhan

Raayyaan Ittisaa, Humna Qilleensarraa, Lafoofi Galaanaarraa cimsuun aggaammii kamiyyuu ofirraa qolachuuf qophii ta’uu Fiild Maarshaal Biraanuu Juullaa ibsaniiru.

Waggoottan torban darban shirri keessa fi alaa biyya diiguuf taasifamaa ture gootummaa ilmaan isheen fashaala’uun biyyaattiin milkaa’inoota hedduu galmeeasisteetti jedhan.

Raayyaan Ittisa Biyyaa faayidaa fi birmaadummaa biyyaalessaa eegsisuu fi kabachiisuuf yoommillee qophii ta’uus Fiild Maarshaal Biraanuu Juullaa kaasaaniiruu.

Mangashaa Daargeetu Gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply