Ulaan galaanaa koo miti jedhee namni yaadu waan jiru natti hin fakkaatu- Tashoomaa Duulaa (PhD)

You are currently viewing Ulaan galaanaa koo miti jedhee namni yaadu waan jiru natti hin fakkaatu- Tashoomaa Duulaa (PhD)

‎AMN Plus- Onkoloolessa 27/2018

‎Oomoshtummaafi oomishni hanga fedhe yoo jiraate lafee dugdaa ta’ee biyyatti ceesisuun addunyaarratti daldalaan kan beeksisu ulaa galaanaa akka ta’e Hayyuun Saayinsii Diinagdee Tashoomaa Duulaa (PhD) ibsan.

‎Ulaan galaanaa karra diinagdeeti kan jedhan Hayyuu Tashoomaa Duulaa (PhD) ollaafi biyyaan wal dubbisuuf karra qabachuun murteessaa akka ta’e dubbatan.

‎Karri yoo hin jirre namni nama dhagahuu hin danda’u, waligalteen hin jiru, wal bira gahuunis hin danda’amu jedhan hayyuun kun turtii AMN Plus waliin taasisaniin.

‎Ulaa galaanatti buufata ijaaruu jechuun biyya ijaarudha kan jedhan hayyuun kun qaama bishaanii haa ta’uu malee dirree misoomaa bal’isuu akka ta’e uummanni biyya kanaa hubachuu akka qabu ibsaniiru.

‎Addunyaarratti diinagdee dorgamaa ta’e uumuuf ulaan galaanaa murteessaa akka ta’es kaasaniiru.

‎Ulaan galaanaa koo miti jedhee namni yaadu baay’inaan waan jiru natti hin fakkatuu kan jedhan Dooktor Tashoomaan, milkaa’inni ulaa galaanaa hambaa seenaa isaa guddaa biyya kanaa akka ta’e ibsan.

Shuumii Badhaasootiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply