AMN PLUS – Onkoloolessa 14/2018
Dhaabbatni Mootummoota Gamtoomanii Chaartara UN ta’uun ALAtti bara 1945 erga hundaa’e waggaa 80ffaa kabajaa jira.
Dhaabbatni guddichi dippiloomaasii idil addunyaa irratti bu’uureffame kun nagaa, mirga namummaa, misoomaafi deggarsa addunyaalessaa garaa garaa irratti hojjataa tureera.
Barreessaan Olaanaa UN Antooniyoo Guterees, addunyaan tokkummaa isaa haaressuun qormaatilee Jaarraa kanaa kanneen akka qoqqooddaa, walitti bu’iinsaafi wal amantaa dhabuu maqsuun akka barbaachisu akeekaniiru.
Anga’ootni addunyaa Chaartara UN kabajuun jijjiirama qilleensaa, hiyyummaa, rakkoo wal qixxummaa fi bulchiinsa dijitaalaa irratti akka waliin hojjatan ergaa dabarsaniiru.
UN guyyaa kana Waajjira isaa muummicha Niwyoorkitti kabajuu irra darbee, Finfinnee, Jenevaa, Naayiroobii, Tookiyootti kabajamaa akka jiru POA’n gabaaseera.